Murtii Barsiisoo Ijjibaata MMWO Murtaahee
Lakk. Galmee – 303547
Guyyaa: 11/02/2012
Abbootii Murtii:
Dasaa Bulchaa
Muhaammad Nuuree
Fiixaa Dachaasaa
Huseen Kamaal
Masfin Geetaachoo
Duulaa Lataa
Abdullaahii Shaafii
Iyyataan:
Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa- Tsaggaayee Darrasee-dhiyaateera
Waamamtoonni:
- Asmaraaw Inniyew –hin dhiyaanne
- Indaalee Yaaquub-hin dhiyaanne
Galmeen qoratamee murtiin kanaa gadii kennameera. Murtii
Dhimmi falmii kun kan eegale himata Abbaan Alangaa Aa- naa Aqaaqii waamamtoota irratti Mana Murtii Aanaa Aqa- aqiitti dhiyeesseeni dha. Tarreen himatichaas gabaabinaan waamamtootni kun Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwa- ta 32(1)(a) fi Labsii Bosonaa Mootummaa Naannoo Oromi- yaa Lakkoofsa 72/1995 keewwata 15(1) irra darbuudhaan gaafa 20/11/2010 Magaalaa Dukam Ganda 01 Naannoo Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Xaddachaa biratti nama yeroodhaaf dhiyaatee jecha isaa hin kennanne waliin cilee baay’inni isaa kuntaala 159 ta’e konkolaataa Lakkoofsi
Gabatee isaa 3-18932 A.A ta’e qabeenyaa Darajjee Maammaa ta’etti Magaalaa Finfinnee irraa gara Magaalaa Dukamitti fe’anii. (Murtii Barsiisoo Ijjibaata MMWO
Gabatee isaa 3-18932 A.A ta’e qabeenyaa Darajjee Maammaa ta’etti Magaalaa Finfinnee irraa gara Magaalaa Dukamitti fe’anii. otoo socho’aa jiranii harkaa fi harkatti waan qabamaniif yakka cilee seeraan ala geejibsiisuutiin himatamaniiru kan jedhu dha. Waamamaa 1ffaan cilee bu’aa bosonaa ta’e kana fe’uu isaa ibsuun garuu kan inni fe’e abbaan qabeenyaa cilee kanaa hayyama waan qabuuf naaf fe’i jennaan Qarshii 1000tiin Magaalaa Finfinnee irraa gara Magaalaa Dukamitti fe’ee ab- baa qabeenyaa kana faana otoo cilicha buusaa jirruu bu’ee dhumuuf gaafa jedhu poolisootni nu qabanii abbaan qabeen- yaa hayyama nan qaba dhaqeen fida jennaan isa gadhiisa- nii anaan immoo na qaban waan ta’eef balleessaa hin qabu yommu jedhu, waamamaa 2ffaan immoo waamamaa 1ffaan hiriyyaa koo taanaan isa faanan deemaa ture malee gocha kana keessaa gahee hin qabu jechuun yakkicha raawwachuu haalee falmeera.Manni murtichaa ragaa Abbaa Alangaa erga dhagaheen booda akka ofirraa ittisaniif ajajullee waamamtoot- ni ragaa ittisaa hin qabnu waan jedhaniif keewwatuma seeraa itti himataman jalatti balleessaa raawwataniiru jechuudhaan murtii balleessaa kenneera. Adabbii ilaalchisees sadarkaan yakkichaa gadi aanaa dha jechuudhaan tokkoon tokkoon isaa- nii hidhaa waggaa shaniin akka adabamaniif murteesseera.
Murtii Barsiisoo Ijjibaata MMWO
Waamamtootni murtii mana murtichaan kenname komachuud- haan ol’iyyata isaanii gara Mana Murtii Ol’aanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti dhiyeeffatanii, Manni Murtii Ol’aanaas ol’iyyaticha dhiyeessisuudhaan komii dhiyaate erga dhagaheen booda murtiin balleessummaa mana murtii jalaatiin kenname dogoggora hin qabu jechuudhaan murtii yoo kennu, garuu adabbiin kenname fooyyessuudhaan waamamaa 1ffaan hidhaa cimaa waggaa sadii fi ji’a torbaatiin, waamamaa 2ffaan
immoo hidhaa cimaa waggaa afuriitiin akka adabaman jedheera. Waamamtootni ammas murtiin manneen murtii jalaatiin ken- name dogoggora of keessaa qaba jechuudhaan Mana Murtii Wal- iigalaa Oromiyaa Dhaddacha Yakkaa Giddugaleessaatti komii ol’iyyannoo dhiyeeffataniiru. Manni Murtii Waliigalaa Oromi- yaas komii ol’iyyatichaa dhiyeessisuudhaan falmii garee bitaa mirgaa erga dhagaheen booda murtii dabarseera. Murtii ken- neenis waamamtootni kan itti gaafatamuu qaban bu’uura seera itti himatameen, Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk 72/1995tiin otoo hin taane, Labsii Misooma, Eegumsaa fi Itti Fayyadama Bosonaa Mootummaa Federaalaa, Lakkoofsa 1065/2010tiin ta’uu qaba jechuudhaan murtii balleessummaa tumaa Lab- sichaa keewwata 26(1) jalatti dabarseera.Adabbii gama ilaalu- unis waamamtootni tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi Qarshii 2000tiin akka adabaman murtees- suudhaan murtii fi adabbii manneen murtii jalaa fooyyesseera. Dhimmi kun Dhaddacha Ijibbaataa kanaaf dhiyaachuu kan danda’es iyyataan murtiin Manni Murtii Waliigalaa Oromi- yaa Dhaddachi Yakkaa Giddugaleessaa haala kanaan kenne kun dogoggora bu’uuraa seeraa of keessaa ni qaba jechuud- haan iyyata gaafa 13/05/2011 barreessee dhiyeesse ka’umsa godhachuudhaan. Qabxiin iyyata isaas cuunfaadhaan yoo il- aalamu: biyyi kun Mootummaa Federaalaa fi Mootummaa Naannoleedhaan kan bultu dha. Mootummaan lameenuu qaama seera baasu, seera hiikuu fi seera raawwachiisu kan mataa ofii ni qabu. Qaamni seera tumtuu Mootummaa Fed- eraalaa dhimma mootummaa federaalaaf heeraan kenname irratti, akkasumas Caffeen dhimma naannichaa irratti aangoo seera baasuu ni qabaatu. Seerri qaama seera baasuuf aangoon
heeraan kennameen bahe yookaan tumame immoo qaamoleen naannicha keessa jiran hundaanuu kabajamuun hojiirra ooluu qabu. Caffeen dhimma bosonaa irratti Labsii Bosonaa Oromi- yaa Lakk 72/1995 baasee jira. Labsiin kun hanga qaama seera kana baaseen hin jijjiiramnetti manneen murtii seera kana hii- kuudhaan hojiirra oolchuu qabu. Faallaa kanaa seera jedhame kana cinatti dhiisuudhaan Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa, lakk. 1065/2010tiin, murtii balleessaa fi adabbii inni kenne dogoggora seer- aa isa bu’uuraa waan qabuuf, murtichi diigamee murtiin balleessummaa fi adabbiin seera Abbaan Alangaa jalqaba himata isaa ittiin dhiyeesseen akka kennamuuf gaafateera.
Dhaddachi Ijibbaataas iyyata Abbaan Alangaa dhiyeesse erga qorateen booda qabxiin dogoggorri bu’uuraa seeraa raaw- watame jiraachuu qulqulleeffachuuf jecha waamamtoota dee- bii irratti akka kennan ajajeera. Haaluma kanaan, Waamamaa 1ffaan deebii dhiyeeffateen cilee qabame kana abbaan qabeen- yaa feesifate itti gaafatamuu otoo qabuu isa dhiisanii anaan itti gaafatamaa taasisuun faallaa seeraa ti; Murtiin bu’uura Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk 1065/2010tiin narratti kennames Iyyataa kan komachiisu ta’uu hin qabu; Sababiin isaas Mootummaan Naannoo labsii ofii baafachuu kan danda’u osoo haala Labsii Bosonaa Mootummaa Feder- aalaa Lakk. 1065/2010tiin wal hin faallessineen ta’uu qaba; Labsiin Mootummaa Naannoo raawwatiinsa hin qabaatu; Waan ta’eefis itti gaafatamummaan koo bu’uura seera boso- naa Mootummaa Federaalaa baaseen ta’uun isaa kan iyyataa komachiisu ta’uu hin qabu jechuun falmeera. Waamamaa
2ffaanis sababuma walfakkaatuun itti gaafatamummaan yak- kaa fi adabbiin akkaataa Labsii Bosonaa Mootummaa Fed- eraalaa Lakk. 1065/2010tiin kenname dogoggora homaatuu hin qabu jechuun falmeera. Waan kana ta’eef, komiin Iyyataa kufaa ta’ee murtiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin ken- name akka nuuf cimu jechuun waamamtootni gaafataniiru
Ka’umsii fi falmiiwwan dhimmicha irratti mana murtii jalqabaa irraa eegalee turan gabaabinaan kan olitti ibsame yommu ta’u, Dhaddachi Ijibbaataa kunis dhimmicha gadi qabee qorateera. Aangoon dhaddacha kanaa dogoggora bu’uuraa seeraa mana murtii jalaatiin raawwatame tokko ilaalee sirreessuu waan ta’eef dhimma ammaan kana qabanne keessatti dogoggorri akkasii raawwatamuufi raawwatamuu dhabuu isaa qoratee ilaaleera.
.
- Dhimma kana keessatti qabxiin walfalmisiisaa ta’ee mul’ate waa’ee walitti bu’iinsa seerota (conflict of laws) kan mootum- maa adda addaa lamaan bahanii ti. Dhimma yakkaa Waamam- tootni itti himatamanii fi balleessaa dha itti jedhaman irratti tumaan walfakkaataan seera mootummaa Federaalaa fi kan mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti tumamanii argamu. Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk.72/95 Keewwata 15(1) fi Lab- sii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk.1065/2010 Keew- wata 26(1) jechuu dha. Tumaaleen keewwattoota Labsiiwwan kana lamaanii yoo ilaalaman tumaa yakkaa wal fakkaataa dhimma yakkaa tokko irratti tumamanii argamu.Waan kana ta’eef ijoon falmii dhimmichaa dhaddacha duratti walfalm- isiiseef deebii argachuu qabu, dhimma yakkaa waamamtootni itti himatamaniifi balleessaa yakka qabu itti jedhaman irrat-
ti tumaan seeraa raawwatiinsa qabu isa kami? Tumaa Lab- sii Bosonaa Oromiyaa Lakk.72/1995 Keewwata 15(1) moo? Kan Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk.1065/2010 Keewwata 26(1) dhaa? kan jedhu dha. Ijoo falmii qabamee kanatti deebii kennuuf Dhaddachi kun Heera Mootummaa Federaalaa Dimookiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa, Lab- sii Lakk.1/1995 (gabaabaatti ‘Heera Mootummaa Federaalaa’ jedhamee kan caqasamu), Heera Mootummaa Naannoo Oromi- yaa Fooyya’ee Bahe Labsii Lak. 46/1994 (gabaabaatti ‘Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa’ jedhamee kan caqasamu) fi seerota rogummaa qaban waliin akka armaan gadiitti qorateera.
- Sirna federaalaa keessatti qoodinsii fi maddi aangoo mootummootaa heera federaalaa biyyattii ti. Kan biyya keen- yaas kana irraa adda miti. Akkaataa kanaan qoodinsa aangoo Mootummaa Federaalaa fi kan Mootummaa Naannoo biyya keenyaa ilaaluun barbaachisaa ta’a. Heera Mootummaa Fed- eraalawaa Itoophiyaa, Labsii Lakk.1/1995, Kwt 51(5) fi Kwt 55(2(a) jalatti akka tumametti itti fayyadamaa fi kununsa la- faa fi qabeenya uumamaa (bosona dabalatee) Mootummaan Federaalaa aangoo seera baasuu ni qabaata. Heerichuma Kwt 52(2(d) jalatti Mootummaan Naannoo (Mootummaa Oromi- yaa dabalatee) ammoo seera Mootummaan Federaalaa baase irratti hundaa’uudhaan aangoo lafaa fi qabeenya uumamaa bulchuu akka qaban tumameera. Kun jechuun garuu haalli itti Mootummaan Naannoo seera bulchiinsa lafaa fi qabeenya uu- mamaa baasuuf aangoo qabaachuu itti danda’u hin jiru jechuu ta’uu dhiisuu danda’a. Innis bulchiinsa lafaa fi qabeenya uu- mamaatiin walqabatee seerri mootummaan federaalaa baasu
gahaa ta’uu dhiisuu ni danda’a. Kun ammoo haala qabata- maa naannichaa yaada keessa galchee seera dabalataa yook- iin seeruma mootummaan federaalaa baase balballoomsuu fi akkaataa bulchiinsaaf ta’utti seera ofii baasuun barbaachisaa ta’ee argamuu ni mala. Wayita akkasii keewwattootuma Heer- ichaa olitti caqasamanii fi dabalataanis Heericha kwt 52(1) irratti hundaa’uudhaan seera dhimmicha ittiin bulchuuf gar- gaaru baasuuf aangoo ni qabaata. Sirna federaalaa keessatti aangoon seera baasuu mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo haalli itti wal irra bu’u (concurrent jurisdiction) ni jira.Kun dhimma baratamaadhas. Dhimma amma qabanne keessatti ijoon falmii jiru yoo ilaalle waa’ee guutummaa seerotaa/labsiiwwan lameenii osoo hin taane waa’ee tumaalee yakkaa labsiiwwan lameen keessatti tumamanii akka ta’e hu- bachuun barbaachisaa ta’a. Wayita tumaaleen seerota mootum- maa adda addaa lamaan dhimma tokko irratti bahan walitti bu’an isa kamtu raawwatiinsa qabaata isa jedhu jechuu dha. Murtii Barsiisoo Ijjibaata MMWO
- Labsiin Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk.1065/ 2010 Kwt 26(1) jalattis bu’aa bosonaa haala faallaa seeraa ta’een qabatanii argamuun yakka ta’uun tumameera. Haaluma wal fakkaatuun Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk. 72/1995 Kwt 15(1) jalattis bu’aa bosonaa karaa seeraan ala ta’een qabatanii argamuun yakka ta’uu tumameera. Kana irratti kan hubatamu Mootummaan Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa dhimma tokko irratti tumaa seera yakkaa mataa ofii baasanii jiru jechuu dha. Bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Kwt 55(5) tiin aangoon seera yakkaa baasuu kan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ti. Mootummootni Naannoo ammoo dhimmoota haala ifa ta’een yakka jedhamanii hin tumamne irratti seera yak-
kaa tumuu akka danda’an tumameera. Kana jechuun mootum- maan naannoo tokko dhimma yakka jedhamee seera mootum- maa federaalaatiin tumame tokko irratti seera ofii baasuun irra deebiin yakka godhee tumuu hin danda’u jechuu dha. Dhimma amma of harkaa qabnu yommu ilaallu, bu’aa bosonaa karaa seeraan ala ta’een otoo geejjibsiisaa jiruu namni tokko yoo qa- bame bu’uura Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk. 1065/2010 Kwt 26(1) tiin yakka jedhamee ifaan tumamee jira. Dhimma kana irratti erga mootummaa federaalaatiin ifaan yakka ta’uu tumamee jiraatee ammoo, mootummaan naannoo seera ofiitiin gochuma sana irra deebiin yakka taasisee tumuu hin danda’u; yoo baasee argames tumaan seeraa mootummaa naannichaa raawwatiinsa hin qabaatu jechuu dha. Dhimma of harkaa qabnu irratti seerri raawwatiinsa qabaatu Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa lakk.1065/2010 Kwt 26(1) ti jechuu dha. Abbaan Alangaa dhimma kana irratti Labsiin Mootummaa Oromiyaa Lakk.72/1995 Kwt 15(1) raawwatiin- sa ni qaba jechuudhaan kan falmu fudhatama kan qabu miti.
- Gama biraatiin, Labsiidhumti Bosonaa Oromiyaa kun yoo ilaalamu seensa isaa keessatti akka kaa’etti matuma isaatiif iyyuu Labsii Bosonaa Mootummaan Federaalaa Lakk. 94/1986 kan yeroo sana bahee hojiirra ture irratti hundaa’ee kan bahe ta’uu isaa ibsa. Labsii Lakk. 94/1986 kun ammoo yeroo ammaa kana haqamee fi Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk. 1065/2010n kan bakka bu’e dha. Kunumti illee kan agarsiisu dhimma yakkaa waamamtootni itti himata- man kanaaf seerri rogummaa qabu Labsii Bosonaa Mootum- maa Federaalaa Lakk. 1065/2010 ta’uu isaa ti. Akkuma olitti ibsame, akkaataa labsii kanaatiin bu’aa bosonaa kan ta’e cilee
fe’anii bakkaa bakkatti socho’uun yakkaan kan nama adabsi- isu waan ta’eef falmii Abbaan Alangaa kan fudhatama qabu ta’ee hin argamu. Dabalataan, Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk. 46/1994 Kwt 49(3)(a) jalatti haala ibsa armaan olii cimsuun Caffeen seerota adda addaa yoo baasu akkaataa Heeraa fi Seera Mootummaa Federaalaan walit- ti hin buuneen akka ta’uu qabu tumameera. Kunis kan cim- su, tumaan seeraa Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk. 72/1995 Kwt 15(1) Labsii Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk. 1065/2010 Kwt 26(1)n waan walitti bu’uuf dhimma harkaa qabnu kana irratti raawwatiinsa kan hin qabaanne ta’uu isaa ti. Murtii Barsiisoo Ijjibaata MMWO
Ajaja
- Walumatti, aangoon seera yakkaa baasuu kan mootum- maa federaalaa ta’uun ifatti Heera Federaalaan kan tumame ta’uu, aangoon mootummaa naannoo seera yakkaa baas- uu dhimma ifatti seera mootummaan federaalaatiin hin aguugamne qofaa irratti kan daanga’u waan ta’eef; dhimma yakkaa amma falmii kaasise kana irratti tumaan seeraa kan mootummaan federaalaa baaseen ifatti haguugamee osoo jiruu tumaan seeraa naannoo Oromiyaa (Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk. 72/1995 Kwt 15(1)) raawwatiinsa hin qabaatu jechuud- haan sagalee guutuudhaan murteessineerra. Murtiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Yakkaa Giddugalees- saa dhimma kana irratti kenne dogoggora bu’uuraa seeraa kan qabu ta’ee waan hin argamneef murtii balleessummaa fi adabbii kenname akkuma jirutti sagalee guutuudhaan cimeera. Ajaja
- Murtii Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Galmee Lak- koofsa 292841 ta’e irratti dhaddacha gaafa 25/04/2011 oo- leen kenne dogoggora bu’uuraa seeraa of keessaa waan hin
- qabneef akkaataa tumaa SDFY Kwt. 195(2)(b)(2) tti sagalee guutuudhaan cimeera.
- Hiikni seeraa murtii kana keessatti kenname dhimmoota naannichaa walfakkaataa biroo irratti akkaataa Labsii Manneen Murtii Oromiyaa Lakk. 216/2011 Kwt. 29(1) tiin hiikni seeraa dirqisiisaata’eniqabaatawaanta’eefmanneenmurtiinaannichaa hundi beekanii akka itti hojjataniif haa beeksifaman jenneerra.
- Galmeen murtii waan argateef cufameera, mana galmeetti deebi’ee haa taa’u.
Mallattoon Abbootii Seeraa 7 hin dubbifamne ni qaba.

Bayyee dansaadhaa jabaadhaa
Hii
94110
Barachuuf