SDFHH Afaan Oromodhaan pdf
AANGOO MANNEEN MURTII
BOQONNAA 1. TUMAALEE WALIIGALAA SDFHH Afaan Oromodhaan pdf
Kwt.4 – Seeran yoo dhorkame malee himannaa fuudhuuf aangoo kan qabu mana murtii qofa ta‘uu isaa. SDFHH Afaan Oromodhaan pdf
Tumaaleen keewwattoota kanatti aananii jiran akkuma eegamanitti ta‘ee,manneen murtii seerri ifaan yoo dhorke malee himannaawwan hariiroo hawaasaa hunda fuudhanii ilaaluuf aangoo qabu.
Kwt.5. Dhimma murtii dhumaa argate
- Manni murtii kamiiyyuu himannaa firii dubbii fi hundeen dubbii akaakuu tokko ta‘e,gareewwan walfalmitootaa walfakkaatan gidduutti dhiyaate fuudhee murtii dhumaa erga irratti kenneen booda gareewwan falmicharra turan yookan walfalmitoota keessaa gareen tokko dhimma sana irratti himannaa yookan falmii akaakuu biraa kamiiyyuu irra deebiin yoo dhiyeesse ilaaluu hin danda‘an.
- Falmii duraa irratti wanti ragaa yookan ittisa ta‘uun isarra ture yookan ta‘uu danda‘a ture jedhamu hundinuu ijoo falmichaaf bu‘uura ta‘uun akka dhumatetti kan lakkaawwamuudha.
- Himannaa fi falmii duraa irratti seerummaan ifaan irratti gaafatamee fudhatama osoo hin argatin irra darbame yoo ta‘e,galuumsa keewwata kanaatin seerummaan gaafatame akka dhoowwatameetti lakkaawwama.
- Mirga hawaasa bal‘aa yookan namoota dhuunfaa bu‘uura godhachuun bakka tokkotti ofii isaanii fi kan biroof namoonni laphee qulqulluun himannaa dhiyeessanii kan falman yoo ta‘e, namoonni mirga qaban falmichatti hirmaachuus yoo baatan galuumsa keewwata kanaatin namoota falmichatti seenan irraa mirga akka argatanitti lakkaawwamu.
Kwt.6 –Murtii irra deebiin ilaaluu SDFHH Afaan Oromodhaan pdf
- Tumaaleen kwt.5 jala jiran akkuma eegamanitti ta‘ee,namni kamiiyyuu murtii yookan jala murtii yookan ajaja ol‘iyyanni irratti dhiyaachuu danda‘u irratti komii isaa dhiyeeffatee osoo hin dhageessifatin dura yookan murtii yookan jala murtii yookan ajaja ol‘iyyannoo irratti dhiyeessuun hin danda‘amne itti kennamee,sababoota kanatti aananii ilaalaman qofaaf mana murtii murticha yookan jala murticha yookan ajajicha kennetti kaffaltii abbaa seerummaa kaffaluudhan himannaa isaa dhiyeeffachuu ni danda‘a.
- Murtiin yookan murtoon yookan ajajni dhumaa kan kenname sanada sobaan qophaa‘ee dhiyaateen yookan jecha ragummaa sobaatin yookan loogiidhaan yookan gocha yakka ta‘an bu‘uura godhachuun fi iyyataanis murtiin isarratti osoo hin kennamin dura carraaqqii barbaachisaan taasisee beekuu kan hin dandeenye ta‘uu isaa kan hubachiise yoo ta‘e
- Gochoonni kanaan olitti tarreeffaman raawwatamuun isaanii osoo beekameera ta‘ee murticha jijjiiruuf yookan fooyyessuuf sababa gahaa ta‘uusaa hubachiisuu kan danda‘e yoo ta‘e
- Keewwata kanaan bu‘uura dubbatameen miidhaan narra gaheera jedhamuun himatni dhiyaatu haaluma iyyanni ol‘iyyannoo dhiyaatun kan dhiyaatudha. Akkasumas keewwata kana cita xiqqaa 1(a) jalatti gochoonni dabaa dubbataman raawwatamuu isaanii ragaan sirriitti mirkaneessu jecha kakuutin deeggaramuun iyyannicha waliin walqabatee dhiyaachuu qaba. Gareen dhimmichi irra deebiin akka ilaalamuuf gaafatu ragaa haaraa argamaniiru jedhu guyyaa argate yookan beeke irraa eegalee ji‘a tokko keessatti himannaa isaa dhiyeeffachuu qaba.
- Manni murtii murtiin irra deebiin akka ilaalamuuf himanni itti dhiyaate yeroo fuudhutti garagalcha isaa garee faallaatiif erguudhan sababa dhimmicha irra deebiin dhaga‘uu hin dandeenyeef akka dhiyeeffatu ajaja kennuun guyyaa beellamaa falmichi itti dhaga‘amu akka ta‘utti ni murteessa.
- Murtiin irra deebiin ilaalamuu qaba yookan hin qabu jedhee murtoo manni murtichaa kennu irratti ol‘iyyannoo dhiyeessuun hin danda‘amu.
Kwt.7 – Dursitummaa
- Himannaa fi dhimmi hariiroo hawaasaa walfakkaatan tokko mana murtii tokkoo olitti hin dhiyaatu.
- Himannaa hariiroo hawaasaa walfakkaataan tokko manneen murtii tokkoo olitti kan dhiyaate yoo ta‘e,manni murtii dursee himanni dhiyaateef qofaan falmisiisee murtii kennuu qaba.
Kwt.8 — Himannaawwan mana murtii biraatti beellama irra jiran
- Dhimmi falmichaaf ka‘uumsa ta‘e akaakuu tokko yookan walfakkeenya kan qabu ta‘ee ijoon murtoof dhiyaate hundee dubbii tokko yoo ta‘e,akkasumas gareewwan walfalmitootaa tokko yookan walfakkaatoo yoo ta‘anii fi himannis mana murtii aangoo qabuuf dhiyaatee dhaga‘a irra osoo jiruu falmii hariiroo hawaasaa beellamarra jiru manni murtii biraa fuudhee falmisiisuu hin danda‘u. Akkasumas,gareewwan biroo walfamitootaa dursaa irraa mirga qabna jedhanii falmii kana irratti wanta dhiyaate tokko mana murtii biraatti himannaa dhiyeessuu hin danda‘an.
- Mana murtii biyya alaatti himannaan dhiyaatee dhimmichi beellama irra kan jiru yoo ta‘ellee,manneen murtii Itoophiyaa dhimma kana fuudhanii ilaaluu irraa hin dhorku.
- Falmiiwwan murtoof dhiyaatan hundee dubbiinis ta‘ee ijoodhan akaakuu tokkoo fi walfakkaatoo ta‘anii manneen murtii adda addaatti dhiyaatanii ilaalamuu kan eegalan ta‘ullee,falmiiwwan adda babaasuun hojii abbaa seerummaa adeemsisuuf yookan murtoo sirrii kennisiisuuf kan hin mijanne yoo ta‘e,bu‘uura kwt.11 ykn 244 fi 245 tin,akka galuumsa dhimmichaatti murtiin isaan irratti kennama.
Kwt.9 — Manni murtii aangoo hundee dubbii dhaga‘uu kan hin qabne ennaa ta‘etti adeemsa raawwatamu
- Mana murtii aangoo hundee dubbii ilaaluu hin qabnetti himannaan dhiyaate yoo ta‘e,seera kana bu‘uura tumaa kwt.231 tin iyyannichi fudhatama hin qabu jedhee deebisuu qaba.
- Himannaa dhiyaatee fuudhee ilaaluuf aangoo hundee dubbii kan hin qabne ta‘uu isaa manni murtii yoo hubate seera kana bu‘uura kwt.244 tin gareen falmii kamiiyyuu mormii dhiyeessuus yoo baate,bu‘uura tumaa kwt.245 tin iyyanni himannaa fudhatama hin qabu jedhee matuma isaatin ajajuu qaba.
Kwt.10.– Manni murtii aangoo tooraa kan hin qabne ennaa ta‘etti adeemsa raawwatamu
- Mana murtii aangoo tooraa iddoo falmiin itti ka‘ee hin qabneetti iyyanni dhiyaate yoo ta‘e,manni murtii aangoo toorichaa hin qabne bu‘uura tumaa kwt.231 tin iyyannichi fudhatama hin qabu jedhee deebisuu qaba. Ta‘ees,bu‘uura kwt.19-30 tti dubbatameen manni murtii himanni dhiyaateef dhimmicha ilaaluuf aangoo kan qabu yoo ta‘e,manni murtii biroo aangoo tooraa qabu jiraachuu qofa sababa godhachuun himannaa dhiyaateef hin fuudhu jechuu hin danda‘u.
- Seera kana bu‘uura kwt.244 jalatti dubbatameen manni murtii aangoo tooraa hin qabu jechuun mormii dhiyaateef kan murteessu mana murtii himanni itti dhiyaateedha. Murtoo kanas haqa kan jallisu yoo ta‘e malee,ol‘iyyanni irratti dhiyaachuu hin danda‘u.
Kwt.11 — Himannaawwan walqabsiisuu
- Himannaawwan yookan ol‘iyyannoowwan lama yookan lamaa ol ta‘an garee walfalmitootaa tokko gidduutti mana murtii walfakkaatutti dhiyaatanii dhaga‘a irra yeroo jiranittii fi falmiin seeraa dhiyaates yookan ijoon dubbii walfakkaataa fi akaakuu tokko yoo ta‘e,abbootii dhimmaa keessaa gareen inni tokko yeroo iyyatetti yookan manni murtii barbaachisummaa isaa kan tilmaame yoo ta‘e,himannaawwan walqabsiifamanii iddoo tokkotti akka ilaalaman ajaja barbaachisu kennuu ni danda‘a.
- Akkasumas,gareewwan walfalmitootaa walfakkaatan gidduutti himannaawwan yookan ol‘iyyannoowwan lamaa fi isaa ol ta‘an kan dhiyaatan yoo ta‘ee fi gaaffiin seeraa dhiyeessanii fi ka‘uumsi firii dubbii akaakuu walfakkaataa ta‘e manneen murtii garaa garaatti kan dhiyaate yoo ta‘e,himannaawwan kana adda adda baasanii ilaaluun kan hin danda‘amne yoo ta‘e,manneen murtii himannicha fuudhan keessaa inni tokko ragaa fuudhuu fi falmisiisuu osoo hin eegalin himannaawwan walitti qabamanii bakka tokkotti akka ilaalaman ajajni naaf haa kennamu jechuun walfalmitoota keessaa gareen kamiiyyuu iyyachuu ni danda‘a.
- Himannaawwan adda addaan dhaga‘aman manneen murtii aangoo mana murtii ol‘aanaan gadi ta‘anitti yeroo ta‘etti,iyyatni keewwata kana cita xiqqaa (2) jalatti kan dhiyaatu mana murtii ol‘aanaattidha. Akkasumas,himannaawwan dhiyaatanii ilaalamaa jiran ramaddii manneen murtii ol‘aanaatti yoo ta‘e,iyyanni kan dhiyaatu mana murtii waliigalaatif ta‘a.
- Manni murtichaa iyyannicha dhiyaatef kan fudhate yoo ta‘e,ennaa eeyyamicha kennu himannaawwan walitti qabamanii manneen murtii itti ilaalamuu qaba adda baasee ibsuu qaba.
- Falmiiwwan adda addaan dhiyaatanii sadarkaa ol‘iyyannootti ilaalamaa kan jiran ta‘anii gaaffileen seeraa fi firii dubbichaa akaakuu tokko yeroo ta‘anitti,akkasumas gareewwan walfalmitootaa siiqqee tokkoon kan ramadaman yoo ta‘an adeemsi raawwii isaanii bu‘uura tumaa keewwata kana cita xiqqaa (2)-(4)tin gaggeeffama.